Tajaajilli Galmeessaafi Mirkaneessa Ragaa Federaalaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa fi Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa akkasumas qooda-fudhattoota biroo waliin ta'uun hojii tola ooltummaa gannaa duula biqiltuu dhabuufi gumaacha meeshaalee barnootaa barattoota harkaqalleeyyi taasisan.
Saganticharratti kan argaman Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf tajaajila hojii tolaooltummaa gannaa dhaabbatichi waggaa waggaan taasisaa jiruuf galateeffatanii, biqiltuuwwan har'a dhaabamaniifi deeggarsi meeshaalee barnootaa barattootaaf taasifaman hojii rakoo ummataa furan kanneen bu'aawwan isaanii hegeree biyyaaf gumaacha guddaa kanneen qaban ta'uus himaniiti jiran.
Daayreektara olaanaa tajaajila galeessaafi mirkaneessa ragaa Itoophiyaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Haamid Kennisoo gamasaaniitiin guyyaa kanatti sagantaa biqiltuu dhaabuufi barattoota 300 meeshaalee barnootaa dabtara qalama, qubeessaafi kanneen biroos gumaachuu ibsaniiti jiran.
Biqiltuuwwan waggoottan dura dhaabanii har'a bu'aa kennuu jalqaban arguutti gammachuu kan qaban Obbo Haamid tajaajiloota hojii tola ooltummaa akkasiitiin duudhaa walgargaarsaafi waliin hojjechuu jajjabeessuun barbaachisaa ta'uu dhaamaniiti jiran.
Hogganaa Itti Aanaa Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Bahar Abdallaa gamasaaniitiin biqiltuuwwan guyyaa kana dhaabaman akka guddatan hundumtuu kunuunsaafi eegumsa barbaachisu gochuu akka qaban dhaamaniiti jiran.
Sagantaa hojii tola-ooltummaa dhaabbatichi gaggeesse kanarratti Hoggantoonni fi hojjattoonni Paartii Badhadhinaafi dhaabbatichaa argamaniiti jiran.
#Badhaadhinaa
Tajaajilli Hojii Tola'ooltummaa Gannaa Rakkoo Ummataa Furuu keeysatti Gumaacha Olaanaa tassisaa jirachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaaa damee bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf ibsan.
Posted by
Diredawa Prosperity Party
Aug 06, 2026
54 views
0 Comments
Comments (0)
Be the first to share your thoughts.